header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Itoophiyaa Seenuun beekame

Reeks Tiilarsan har'a waaree booda Finfinnee seene

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Reeks Tiilarsan har’a waaree booda Finfinnee kan seene tahuun beekame.
Ministeerri haajaa kun Qondaaltota Itoophiyaa waliin haala biyyattiin yeroo amma keessa jirtu irratti kan mari’atu akka tahe, qondaalli ol’aanaan Ameerikaa Kiibxata kaleessaa Gazexeessitootaaf ibse.
Dhimmoota Afrikaatiif itti aanaan ministeera haajaa Alaa Ambaasadar Donaald Yamamato, “biyyattiin muummicha Ministeeraa haaraya filachuuf qophii irra waan jirtuuf bulchiinsi itti aanu maal fakkaata kan jedhu dubbii ijoo mariif karoorfaman keessa tokko”jechuun beeksise.
Mr Tiilarasan daaw’annaa isaa Afrikatti jalqabe kanaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Ardichaa shan kan daawa’atu tahuu gabaasni argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button