header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo Muummicha Ministeeraa Dr Abiy Ahmad waliin mar’ate

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo daaw’annaa hojii biyyoota Afrikaa sadi keessatti geggeessaa jiruun, halkan edaa Finfinnee kan seene yoo tahu, Kibxata har’aa Muummicha Ministeeraa Dr Abiy Ahmad dabalatee qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa kanneen biroo waliin kan mari’ate tahuu ibsame.

Wajjirri Muummicha ministeeraa Ibsa baaseen, Dr. Abiy fi Mr. Pompiyoon dhimmoota hariiroo biyyoota lamaan ilaallatanii fi haala nageenya naannawa gaanfa Afrikaa irratti kan mari’atan tahuu beeksise. Dabalataanis Ameerikaan jijjiirama Ityoophiyaa keessatti geggeeffamaa jiru maallaqaan deeggaruuf waada kan galte tahuus ibsame.

Haaluma wal fakkaatuun Mr. Pompiyoon ministeera haajaa alaa Obbo Gadduu Andargaachew fi Prezdaant Saahilawarq Zawdee waliinis kan mari’ate tahuu gabaafame.

Obbo Gadduun Waajjira haajaa alaatti Mayik Pompiyoo simachuun marii geggeeffame irratti, marii dhimma hidha laga Abbaay irratti Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan gaggeessaa jiraniin, Prezdaant Donaald Traampi fi mootummaan Ameerikaa biyyoonni sadeen waliigaltee irra akka gahan carraaqqii godhaa jiraniif kan galateeffate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Maayik Pompiyoo gama isaatiin gahee Ityoophiyaan naannoo gaanfaa Afrikaa keessatti bahaa jirtuuf kan galateeffate tahuu dubbi himaan waajjira haajaa alaa beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button