header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ministeerri Ittisa Ityoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa qondaaltota Ameerikaa ol’aanoo waliin mari’ate

Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Ityoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaatiin durfamu, wixata dabre wal gahii waggaa waggaan qondaaltonni waraana Ameerikaa fi Ityoophiyaa waliin geggeessan irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa imale. Wal gahiin December 4-5/2019 geggeeffame kun dimma nageenyaa fi tasgabbii naannawa baha Afrikaa irratti kan xiyyeeffate akka tureefi, Obbo Lammaa Magarsaa fi Itti aanaan waajjira Ittisa Ameerikaa Pete Marocco wal gahicha kan hogganan tahuun beekamee jira.

 

Haaluma wal fakkaatuun Obbo Lammaan guyyaa kaleessaatis qondaaltota waajjira haajaa alaa Ameerikaa waliin kan mari’ate tahuu Imbaasiin Ityoophiyaa Washington DCtti argamu beeksise. Akka ibsa kanaatti Waajjira haajaa alaa Ameerikaatti itti gaafatamaan dhimmoota Afrikaa Tabor Nagy, Obbo Lammaa Magarsaa waajjira isaatti simachuun mari’atanii jiru.

 

Qondaaltonni lamaan waraanni Ityoophiyaa UN fi Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun Somaaliyaa, Suudaan fi Suudaan Kibbaa keessatti nagaya kabachisuu irratti bobba’ee argamu, naannicha keessatti tasgabbiin akka bu’u gahee guddaa kan bahaa jiru tahuu kaasuu isaanii odeeyfannoon ni addeessa.

 

Qondaaltota Ol’aanoo raayyaa ittisa biyyaa jila kanaa jidduu, Ajajaan Ol’aanaan Humna Waraanaa Ityoophiyaa Jeneraal Aadam Muhammad keessatti argama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button