header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Nageenyaa Xalayaan maqaa Isaatiin hoggantooni Majliisaa facaasan kan isa hin ilaallanne tahuu ibse

Torbee kana keessa hoggantoonni majliisaa gara naannolee bobba’uun shira xaxaa jiraatuu gabaasne turre. Guyyaa lama duras hoggantoonni majliisaa kunniin garee nama torba hammatee fi bakka bu’aa ministeera Nageenyaa waliin tahuun gara  majliisa naannoo Haraariii kan bobbaase tahuu xalayaan majliisni bul’chiinsa naannoo Harariitiif barreesse irratti ibsamee jira.

Haata’u malee Waajjirri Ministeera Nageenyaa ibsa galgala kana fuula feesbuuka isaa irratti maxxanseen, xalayaan miidiyaalee hawaasa irratti facaafame kan “ministeerri nageenya Majliisa waliin gara naannoo Hararii bobba’uuf” jedhu, kan isa hin ilaallanne akka tahee fi waajjirri nageenyaa dhimma amantaa keessa kan hin galle tahuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button