header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensi Kongirasii Ameerikaa Wixineen HR 128 akka hojii irra oolu dhiibbaa godhaa ture Ityoophiyaa jira

Kriis Ismiiz miseensa Kongirasii Ameerikaa Wixineen seeraa HR128 jedhamu akka hojii irra ooluuf dhiibbaa godhaa ture. Wixineen seeraa sun ajjeechaan biyyaatti keessatti raawwatamaa ture akka dhaabatu, labsiin yeroo muddamaa akka kaafamu mootummaa Ityoophiyaa kan gaafatu ture. Mr Ismiiz guyyaa har’aa jila isaa waliin Ityoophiyaa kan seene yoo tahu ministeera hajaa alaa Dr Warqinaa Gabayyoo fi Muummicha ministeeraa Dr abiy Ahmad waliin mari’aate jira.

Mr Ismiiz jijjiirama akka biyyaatitti eega Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad aangoo qabatee booda muldhatan dinqiisiifatuun, tarkaanfiiwwan akka hidhamtoota siyaasaa hiikuu,namoonni yaada isaanii bilisaan akka ibsatan hayyamuu, paartileen siyaasaa akka gara biyyaatti deebi’an godhuu akkasumas labsii yeroo muddamaa kaasuu jijjiramoota muldhatan jidduu tahuus ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button