header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa Muummichi ministeera biyyattii haala yeroo irratti gaaffii isaaniitiif deebii akka kennuu gaafatan


Miseensonni paarlaamaa biyyattii haalaa daangaa Oromiyaa fi naanno Soomalee jiru ilaalchisee gaaffilee muummichi ministeeratiif dhiheessuun deebii eeggataa akka jiru. Keesattu miseensonni paarlaamaa Nannoolee Oromiyaa fi Amaaraa hanga Hayilamaariyaam Dassaleny paarlaamatti dhiyaate haalaa daangaa fi ajjeechaa Makkalaakayaa irratti gaaffilee isaaniitiif deebii kennutti walgahii Idilee irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksisan.

Miseensonni paarlaamaa naannoolee lamaanii akka dhaaba irraa dhufaniitiin bakka lamatti walgahii eega gaggeessanii booda, murtii walfakkaata irra kan gayan tahuun beekameera. Haaluma kanaan walgahii idilee torbee dabre Muddee8/2010 fi Muddee10/2010 gaggeeffamuu qabu irratti miseensonni naannoolee lamaanii hirmaachuu waan didaniif, walgahiileen lamaanuu osoo hin gaggeeffamin kan hafan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Keessattu ajjeechaa waraanni makkalaakayaa Calanqoo keessatti raawwate ilaalchisee, mootummaan naanoo Oromiyaa waraana makkalaakayaa gara naannichaatti kan hin affeerin tahuu eega beeksisee booda, miseensonni paarlaamaatis haala kana muummichi ministeeraa gara paarlaamatti dhufee deebii gayaa itti kennuu qaba ejjaannoo jedhu akka fudhatan odeyfannoon arganne ni ibsa.



Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button