header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Raayyaa Ittisaa torbee dabre loltoota qindeessuun gara Masaraa deeman too’annoo jala oolfamaa kan jiran tahuu ibsame

Arba’aa darbe miseensonni raayyaa ittisa biyyaa 240 tahan “rakkoo bulchiinsa gaarii fi gaaffiilee mirgaa muummicha ministeeraatti  dhiheeffanna”sababa jedhuun,  hidhannoo guutuu qabatanii gara masaraa mootummaa deeman. Adeemsi loltootaa sun biyyattii guutuu keessatti rifannoo cimaa kan uumee ture tahus, Muummichi ministeeraa fi Itti aanaan isaa loltoota gara masaraa deemanii turan mari’achiisuun haala ture tasgabbeessuun isaanii ni yaadatama.

 

Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa haala san keessatti hirmaatan guyyaa kaleessaa hoggantoota isaanii waliin marii godhuun, adeemsi isaanii seeraan ala tahuu amanuun dhiifama gaafatanii jiru.

 

Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa  Jeneraal Sa’ara Makonnin ibsa guyyaa har’aa midiyaalee kenne irratti, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa gocha san olaantumaan loltoota kakaasuun qindeessanii fi irratti hirmaatan too’annaa jala oola jiraatuu ibse. Jeneraal Sa’ara Makonnin akka jedhetti, loltoonni too’annaa jala oolfamaa jiran kanniin jidduu hoggantoota ol’aanoo irraa hanga loltoota sadarkaa gad aanaa keessatti argamu.

 

Gama birootiin ammoo gaaffii Bulchiinsa gaarii fi faayidaa miseensonni raayyaa ittisaa dhiheeffataniif deebisaa kennuuf kan hojjatamaa jiru tahuu hogganaan  kun ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button