header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensoonni Kaabinee Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Hoggantoota Majlisa magaalattii waliin mari’atan

Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee miseensoonni kabineen bulchinsa magaalattii, guyyaa har’aa hogantoota fi miseensoota boordii Majlisa magaalaa Finfinnee waliin, dhimma iddoowwan masjidootaafi waraqaa qabiyyee lafa masjidaa ilaallatan irratti kan mari’atan yoo tahu, Marii tana irrattis miseensoonni boordii majlisa magaalaa Finfinnee, komii hawaasni Muslimaa yeroo gara garaatti kaasaa tureefi dhimmoota seera qabeessummaa lafa Masjidaan walqabatee kahaniif akka furmaanni itti kennamu gaafatan.

Haaluma kanaan Injinar Taakkalaa Uumaa, dukkaanoonni qaama Masjida Anwar kan kanaan dura sababa ijaarsa daandiif ni diigamu jedhamee ture, sirreeffama godhuun kan hin diigamne tahuu ibse.

Akkasumas bulchinsa magaalaa Finfinnee fi manni marii dhimmoota Islaamaa magaalattii dhimmoota gara garaa irratti, fuulduraafis waliin hojjatuuf kan waliigalan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button