header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensota Koree Furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa fi hidhamtoota Siyaasaa hidhaa irraa bahaniif afeerraan laaqanaa godhame

Sagantaan affeerraa laaqanaa kun paartii mormituu Samayaawii jedhamuun, “Gootota keenya galatoomfachuu” mata duree jedhuun kan qophaa’e tahuun beekameera.

Affeerraa laaqanaa kana irratti miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa dhiheenya kana hiikaman, gaazexeessitoota, Namoota siyaasaa fi aktiivistoonni kan irratti argaman tahuun beekame. Miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa fi Obboleeyyan sababa qabsoo nagaya hawaasa muslimaatiin hidhaman kanneen sagantaa kana irratti argaman jidduu; Ustaaz Abubakar Ahmad, Sheekh Makkataa Muhee, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Gaazexeessaa Yusuuf Getaachawu, Ustaaz Muhammad Abaataa, Obboleessa keenya Eliyaas Khadiir fi namoonni birootis argamaniiru.

Namoota Siyaasaa, Gaazexeessota fi Aktiiviistoota jidduu immoo Dr Mararaa Guddinaa, Obbo Baqqalaa Garbaa, Iskindir Naggaa fi namoonni birootis argamaniiru.

Namoota sagantaa kana irratti dhamsa dabarsaan jidduu Dr Mararaa Guddina
“Sirna Cunqursaa kana jalaa bahuuf tokkummaan keenya jabeenya waan taheef kanumaan itti fufuu qabna” jechuun dhamsa dabarse.

Har’a gara galgalaa ammoo Gaazexeessaa Iskindir Naggaa, Obbo Andu’alem Arraagee fi namoonni biroo kanneen dhiheenya kana hidhaa irra hiikaman dabalatee namoonni 12 tahan poolisootaan ukkaafamanii kan hidhaman tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button