header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Mootummaan Ameerikaa Embasii isaa waggaa kana ji’a caamsaa keessa gara magaalaa Al-QUDS kan jijjiiru tahuu ibsame.

Qondaalli mootummaa Ameerikaa tokko, mootummaan Ameerikaa Imbaasii isaa kan magaalaa Teelaviiviitti argamu bara kana ji’a caamsaa keessa gara magaalaa Al-QUDSIITTI jijjiiruu mala jechuun Rooytersitti hime.

Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp bara dabre Imaammata mootummaa Ameerikaa kan magaalaan AL-QUDS magaalaa guddoo Isra’eeli jedhuu fi Embasii Ameerikaa kan magaalaa Telaviivitti argamu gara magaalaa Al-QUDSI ni jijjiira jedhu akka hojii irra oolu labsuun ni yaadatama.

Labsiin kunis ummata Falisxiinii fi muslimoota Addunyaa kan aarse yoo tahu, Hooggantoonni biyyoota muslimaa fi biyyoonni Miseensa mana maree Mootummoota Gamtoomanii sagalee gutuun labsii kana kuffisuun ni yaadatama.

Mootummaan Ameerikaatis seera Adduunyaa kana cabsuun waggaa kana ji’a caamsaa keessa magaalaa Kabajamtuu Al-QUDSI magaalaa guddoo Isra’eel jechuun beekkamtii kan kennuuf, Embasii isaa kan magaalaa Teelaviivitti argamu gara magaalaa Al-QUDSI kan jijjiiru tahuu Rooytersi Juma’aa hardhaa qondaala mootummaa tokko wabeeffachuun gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button