header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Federaalaa Wal-dhabbii Naannoo Oromiyaa fi Somaalee jiddutti ka’een walqabatee shakkamtoota 103 to’annaa jala oolchee jira jedhe

Ministera Dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa kan tahe Doktor Nagarii Leencoo ibsa guyyaa har’aa Sadaasa 16/2010  gaazexessitotaaf kenne irratti, waldhabbii Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee jiddutti kahen walqabatee, namoonni 103 kanneen walitti bu’iinsa uumame harka keessaa qabu jechuun Shakkaman to’annaa jala oolani jiru jedhe.

Namoota to’annaa jala oolan jidduu 98 naannoo Oromiyaa irraa yoo tahu, namoonni 54 humna tika nagayaa Oromiyaatiin kan qabaman akka ta’ee fi kan hafan immoo waraana Federaalaatiin kan qabaman tahuu ibse.

Mootummaa naannoo Somaalee irraa namoonni waldhabbii kana keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman 29 qofa yoo tahan, isaan jidduu kan to’annaa jala oolani immoo 5 qofa tahuulleen gabaafameera.

Minnisteeriichi akka jedhetti waldhabbiin daangaa naannoo lamaan jiddutti kahe hangi tokko dhaabbateera jedhe.

Hata’uu malee Biiroon dhimmoota Komunikeeshiinii naannoo Oromiyaa immoo guyyaa kaleessaa qofa, weerara Liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee godina Booranaa keessatti geggeessiteen namoonni 13 ajjeefamu fi 24 ammoo madaahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button