header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Mootummaan Iraan biyyattii keessatti namoonni 700 ol Alkoolii dhuguun kan du’an tahuu beeksise

Gabaasni Mootummaan Iiraan baase akka mul’isutti, odeeyfannoo sobaa Alkooliin “Methanol”jedhamu dhibee Vayirasii koroonaa namarraa ittisa jedhu hordofuun, lammiileen biyyattii 728 Alkoolii kana dhuguun summaayanii kan du’an tahuu ibsame. Dabalataanis namoonni 100 ol Alkoolii kana eega dhuganii booda Ijji isaanii kan jaame tahuu odeeyfannoonni addeessa.

Qondaaltonni ministeera fayyaa biyyattii lakkoofsi namoota Alkoolii dhuguun miidhaan qaamaa fi lubbuun isaanii dabre, kan gabaafame ol tahuu mala yaada jedhu kan qaban tahuus beeksisan.

Iiraan baha jidduu galeessaa keessatti weerara vaayirasii koroonaatii biyya akka malee miidhamaa jirtu yoo taatu,hanga guyyaa har’aatti lammiilee biyyattii 91,472 vayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe jidduu 5,806 du’uu gabaafame.

Gama biraatiin ammoo guutuu addunyaa keessatti namoota 3,044,000 ol vayirasichaan qabamuu mkirkanaahee jidduu, lakkofsi namoota sababa vayirasii koroornaa du’anii 210,000 dabree jira. Vayirasichi ammas Ameerikaa Kaabaa fi Awrooppaa keessatti lubbuu nama hedduu galaafataa jira. Ameerikaa keessatti hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaa du’anii 56,180 kan dabre yoo tahu, guutuu Awrooppaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota du’anii 123,866 ol tahuu gabaafame.

 

8 Comments

  1. as_salaamu’aleykum warahmatullaah wobarakaatuh
    qophiilleen keessan hundi odeefannoo dhugaa kan namaaf kennuudha halumaa kanan jabaadha itti fufaa isiniin jedha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button