header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mootummaan Ispeen Baqattoota qarqara galaana Meditraaniyaan irratti ugguraman kan Simatu tahuu ibse.

Mootummaan Xaaliyaan torbee dabre, bidiruun baqattoota balaa Doonii galaana Meditraaniyaan irraa baraaraman fe’atte, daangaa galaana biyyattii akka hin seenne dhorkuun, baqattootni kun qarqara galaana Meditraaniyaan irratti rakkata jiru.

Kanuuma hordofuun Mummichi ministeraa Ispeen Pedro Sanchez, buufatni doonii Algeciras baqattoota qarqara Xaaliyaan galaana Meditraaniyaan irratti ugguraman fuudhuuf akka qophii tahu ajajuu ibse.

Baqatonni kun lammilee Afrikaa biyyoota garagaraa, kan Liibiyaa irra bidiruun galaana Meditraaniyaan qaxxaamuranii Xaaliyaan seenuuf imalaa turan tahuun beekameera.

Xaaliyaan yeroo dheeraaf baqattoota Liibiyaa irra Karaa seeraan alaatiin galaana Meditraaniyaan qaxxaamuruun, Awrooppaa seenan keessummeessaa turte hata’uu malee yeroo dhiyoo as, daangaa isii baqattoonni seeraa alaa akka hin seene ugguraa jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button