header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Itiyoophiyaa Softweera basaasaa fayyadamuun Aktiivistoota kan basaasaa jiru ta’u "Human Right watch" beeksise



Dhaabbanni mirga namaatiifi falmu “Human Right watch” qorannoo Wirtuun sitiziin lab jedhamu kan teessoo isaa Kanaadaa keessa godhate bu’uureffatuun mootummaan Itiyoophiyaa interneeta Aktiiviistootaa fi mormitoota basaasuu cimsee itti fufee jira jedhe.

Mormii biyyattii keessatti bara 2016 keessa jalqabeen wal qabatee weebsaayiitii fi imeela Aktiivistootaa fi mormiitoota biyya alaa keessa jiran, ergaa isaanii basaasuuf yeroo adda addaatti cabsee seenuuf yaalii kan godhaa ture tahuus gabaasni kun ni mul’isa.

Namoota Yaaliin kun irratti godhamuuf yaalame jidduu dayreektera Oromiyaa Midiyaa Network (OMN) kan tahe Obbo Jawaar Muhammad kan jiru yoo tahu, yaaliiwwaan kun yeroo adda addaatti osoo hin milka’iin kan hafe tahuus obbo Jawar ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button