header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’anaa jala oolfamu mirkaneessan.

Ibsa kan keennaan Komishiniin poolisii Federaalaa komishnar Jeeneeraal Indeeshaawu Xaasawu fi komishinii poolisii Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa yoo tahan, Namoonni  hidhaman reefki Artist Haacaaluu Hundeessaa gara iddoo dhaloota isaa magaalaa Ambootti akka hin geeffamne gufachiisaan sababa jedhuun tahus ibsame.
Akkasumas miseensi poolisii tokkos ajjeefamuu fi Meeshaan waraanaa eegdootni obbo Jawaar Mohaammad hidhatan kan hayyama seeraa hin qabne tahus beeksisaan.

 

Haaluma kanaan Obbo Jawaar Muhammad fi eegdota isaa irratti qorannoon kan jalqabame tahus gabaafame.

7 Comments

  1. Laa ilaaha illaa anta Subhaanaka innaa kunnaa minazzaalimiiiiiiiin😢😢😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button