header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Mootummaan Keeniyaa Weerarri Covid-19 biyyattii keessatti hir’ataa jiraatuu beeksise

Prezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan, kaleessa qondaaltota mootummaa biyyattii waliin haala tatamsa’ina dhibee Kooronaa ilaalchisee marii geggeesse irratti, tarkaanfiin mootummaan isaa tamsa’ina dhibee Koronaa ittisuuf fudhate bu’a qabeessa tahuu ibse. Keeniyaataan dhibeen kun walii galaan Keeniyaaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachuu dhabuunsaa, of eeggannoo mootummaa tiin ykn sababa maal akka ta’e akka qoratamu ajaja dabarsee jira.
Prezdaant Uhuruu Keeniyaataan tatamsa’ina dhibee kanaa haala amansiisaa taheen to’achuuf ammas lammileen biyyattii akka of eeggatan akeekakchiise. Dabalataanis Ministeerrii Fayyaa Keeniyaas baasii dhibee kanaan wal qabatee baasu kamuu fuula Interneetii irratti bifa ifaa fi bilisa ta’een akka maxxansu ajaje.
Dhiyeenya kana Ministeerri Fayyaa Keeniyaa maallaqa dhibee kana ittisuuf jedhame seeraan ala balleesseera jedhmuun ka qeeqamaa ture yoo tahu; qondaalli olaanaa Waajjira Ministeerichaas Koree miseensota paarlaamaa duratti dhiyaatee qarshii bade jedhame irratti akka ibsa kennu gaafatamee jira.
Keeniyaa keessatti guyyaa kaleessaa September 2, 2020 namoonni haarayatti vaayirasichaan qabaman 178 akka taheefi, walumaa galatti hanga ammaatti lammiilee biyyattii 34,493 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 581 du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button