header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Kuweeyt aangoo gadi lakkisuuf tahuu gabaafame

Dubbi himaan mootummaa Kuweeyt Xaariq Al-Mazram ibsa Khamiisa har’aa kenneen, Muummichi Ministeera biyyattii kaabinee isaa kan diige tahuu Amiira biyyattiitiif xalayaa galchuu beeksise. Mootummaan murticha irra kan gahe, seera tumtoonni biyyattii ministeerri dhimmoota biyya keessaa Sheikh Khalid al-Jarrah al-Sabaa irratti himannaa yakkaa banuu isaanii hordofuun tahuu gabaafame.
Haaluma kanaan Amiirii biyyattii xalayaa kana fudhatee yoo mirkaneesse, kaabineen haarayatti kan hundeeffamu tahuu Royters gabaase. Kuwweyt biyyoota Khaliija Arabaa jahan keessaa biyya Paarlaamaa aangoo guddaa qabuu tahuus odeeyfannoon ni addeesa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button