header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Liibiyaa fi Hidhattoonni Jeneraal Khaliifa Haftaariin hogganaman marii araaraa jalqabuuf akka tahe gabaafame

Lola mootummaa Liibiyaa beekkamtii UN qabuu fi hidhattoota Jeneraal Khaliifaa Haftaariin hogganaman, kanneen waraana biyyoolessa Liibiyaa jechuun of moggaasan jiddutti adeemaa jiru dhaabsisuuf, Jarman Magaalaa Barliin keessatti mariin guddaan kan karoorfame tahuun beekamee jira. Haaluma kanaan Muummichi Ministeeraa Liibiyaa Faayiz Al-Sarraaji fi Jeneraal Khaliifaa Haftaar, akkasumas hoggantoonni biyyoota hedduu marii Alhada har’aa jalqabamu irratti hirmaachuuf gara Berliin seenaa jiran.

Hoggantoota biyyoota biroo maricha irratti hirmaatuu Jarman seenan jidduu, Prezdaantii Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, Prezdaantii Raashiyaa Vladimir Putin, Prezdaantii Farasaay Emanuel Macron, muummicha ministeera Briteen Boris Johnson fi ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Mike Pompeo keessatti argamu.

Haaluma wal fakkaatuun marii deeggarsa UN fi mootummaa Jarmaniitiin qophaahe kana irratti Masri, Aljeeriyaa, Emreets, Chaayinaa fi Kongoo DRC’n kan affeeraman yoo tahu, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Aworooppaa fi Gamtaan biyyoota Arabaatis ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Gamtaan waraana NATO bara 2011 Prezdaantii Liibiyaa duraanii Mu’ammar Qaddaafii humnaan aangoo irraa eega fonqolchee booda, Liibiyaan yeroo ammaa mootummaa beekkamtii UN qabu kan magaalaa Triipoolii maandheffatee fi garee miseensota Paarlaamaa magaalaa Tobruk jedhamtu keessa mandheffateen bulaa jirti. Humnoota lamaan gurguddoo Liibiyaa bulchaa jiraniin alattis gareewwan hidhattootaa heddu naannawa adda addaa kan too’atan yoo tahu, qabeenya boba’aa fi buufataalee doonii too’achuudhaaf wal dorggommii godhaniin biyyattiin dirree jeequmsaa taatee jirti.

Keessumattuu hidhattoonni “Waraana Biyyoolessa Liibiya”jechuun of moggaasan kan Jeneraal Khaliifaa Haftaariin hogganaman, April dabre irraa eegalee magaalaa Tripoolii too’achuuf duula jalqabaniin, hidhattoota mootummaa biyyattii beekkamtii UN qabu deeggaran waliin lola hamaa keessa galanii jiru.
Biyyoonni gara garaa ammoo faallaa walii dhaabbachuun deeggarsi hidhattootaaf kennaa jiran haala Liibiyaa wal xaxaa kan godhe tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Sa’uudii, Emreets, Masri, Raashiyaa fi Faransaay Jeneraal Haftaar kan deeggaraa jiran yoo tahu, Qaxar fi Turkiyaan ammoo mootummaa beekamtii UN qabu deeggaran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button