header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan qajeelfama haala raawwii labsii yeroo muudamaa kan baase tahuu beeksise

Jimaata darbe manni Maree ministeerota labsii yeroo muudama labsuun ni yaadatama. kanuma hordofuun guyyaa har’aa qajeelfamni labsiin yeroo muuddama kun ittiin raawwatamu kan qophaaye tahuun beekameera.

 

Hoogganaa labsichaa kan tahe ministeerri raayyaa ittisa biyyaa obbo Siraaj Fargeessaa komaand poostiin labsii kanaa naannoolee 8’n kan hundeeffame tahuu ibsa midiyaaleef hard’a waree booda kenne irratti beeksiise.

 

Qajeelfama kana irratti wantoonni dhorkaa tahan tarreefamaniiru

 

wantoota tarreefaman kana jidduu, walgahii, hiriira, sochii geejjibaa gufachiisuu, lagannaa gabaa fii kan birootis geggeessuu, meeshaa waraanaa bakka ummanni walitti qabame geessuu, nama sadaffaaf dabarsanii kennuun kan dhoorkaman tahuun beekameera.

 

Akkasumas iddoowwan bu’uuraalee misoomaa fi invastmantii argamanitti saa’aa komaand poostichi labseen alatti kan argaman yoo tahe humnooni nageenya tarkanfii kan fudhatu tahuun kaahameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button