header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udi dureessa beekamaa ilma warra Malikaa Waliid Bin Xalaal hidhaa irraa hiike.

Dureessi Sa’udi Waliid Bin Xalaal ji’a November keessa namoota malaamaltummaan shakkamanii hidhaman keessaa tokko yoo tahu, Sabtii har’aa gad lakkifamee gara mana isaattii kan gale tahuu maatiin isaa Rooytersiif himan.

Waliid Bin Xalaal halkan edaa gaafii fi deebisaa Hoteela Ritz Carlton jedhamu keessatti Rooytersi  waliin taasiseen, badii kamiyyuu irraa qulqulluu tahuu ibsuudhaan, mariin mootummaa Sa’udii waliin godhaa jiru gara xumuraatti waan dhihaateef, guyyoota muraasa keessatti ni lakkifama jedheetiin amana jechuun ibse.

Dhaaltuun gonfoo Mahammad Bin Salmaan jalqaba ji’a November dabree keessa, sababa malaamaltummaa too’achuuf jedhuun duula bal’aa baneen ilmaan warra malikaa dabalatee, ministeerota, dureeyyii fi namoota beekkamoo biyyattii 200 ol tahan mana hidhaatti darbuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button