header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii ilmaan warra malikaa 11 hidhuun gabaafame

Mootummaan Sa’udii heera haaraya baaseen, tajaajila bishaanii fi elektirikaatiif kaffaltii kanaan dura maatiiwwan warra malikaatiif mootummaan raawwatu kaasuu isaa hordofuudhaan, masaraa mootummaa biyyattii magaalaa Riyaad keessatti argamutti ilmaan warra malikaa mormii kan dhageessisan tahuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Kanuma hordofuun namoota kanneen keessaa ilamaan warra malikaa 11 kan hidhaman tahuu beekameera.

Mootummaan Sa’udii rakkina diinagdee isa qunname keessaa bayuudhaaf, lammiilee biyyattiitii fi hojjattoota biyya alaa irratti gibiraa fi kaffaltiiwwan gara garaa kan labse tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button