header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatii gad-lakkisuuf kan murteesse tahuu beeksise.

Mootummaan Saa’udii hidhamtoota lammiilee Itiyoophiyaa manneen hidhaa biyyattii keessa jiran hiikuuf qophii ta’u beeksise. Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad daawa’annaa hujii Sa’udii keessatti geggeessaa jiruun, Malik Salmaanii fi dhaaltuu gonfoo Muhammad Bin Salmaan waliin eega mari’atee booda Sa’udiin hidhamtoota kanneen gad lakkisuuf kan hayyamte akka tahe Ministeerri dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Federaalaa beeksise.

Dr Abiy Daaw’annaa hujii guyyoota lamaaf Saa’ud Arabiyaatti geggeessaa jiruun, dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu irratti kan mari’ate tahuu gabaasni kun ni mul’isa.Abiy

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button