header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKaanaadaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii Xiyyaarri biyya isaa gara Kanaadaa akka hin imalle uggure

Mootummaan Sa’udii murtii kana kan murteesse, Kanadaan dhimma biyya kiyya keessa seenuun laaqaa jirti sababa jedhuun akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa. Sa’udiin torbee dabre lammiilee biyya isii lama seera cabsan jechuun eega hiitee booda, mootummaan Kanaadaan ammoo dubartoonni hidhaman lamaan falmattoota mirga namoomaa waan tahaniif Sa’udiin hidhaa irraa hiikuu qabdi jechuun ibsa baase.

Kanuma hordofuun Sa’udiin Ambaasaadaraa fi dipiloomaatota Kanaadaa biyya isii keessaa ari’uun, hariiroo daldalaa fi investimantii mootummaa Kanadaa waliin qabdus kan uggurte tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Ministeerri haajaa alaa Kanaadaa Kiristiyaa Friilaand, hariiroon Dipiloomaasii biyyoota lamaan jidduu jiru hammaataa dhufus, Kanaadaan mirga dhala namaatiif falmuu irra of duuba kan hin deebine tahuu beeksiste. Mootummaan Sa’udii gama isaatiin dhimma biyya isaa irratti biyyoonni biroo harka keessa naqatuuf yaalii godhan gonkumaa kan hin hayyamne tahuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button