header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Mootummaan Sa’uudii imala gara biyyattiitti godhamu hunda ugguruu beeksise

Weerara COVID-19 akka haarayaatti biyyoota addunyaa keessatti hammaataa dhufe hordofuun, mootummaan Sa’uudii har’a irraa eegalee yoo xiqqaate torbaan tokkoof xiyyaaraan, Bahraafii lafoo dabalatee imala gara biyyattiitti karaa hundaan godhamu ugguruu beeksise. Haata’u malee namoota biyyattii keessaa bahuuf dursanii karoora qabatanii turaniif, addatti tajaajilli imala xiyyaaraa kan kennamu tahuu ibsame.

Tajaajilli odeeyfannoo Sa’uudii akka gabaasetti, imaltoota Awrooppaa irraa torbee lama dura gara biyyattii seenan hundaaf qorannoo Koroonaa akka godhamuuf, akkasumas torbaan lamaaf addatti akka ofbaasan qajelfamni bahee jira.

Weerarri COVID-19 haarayatti ka’e kun biyyoota Awrooppaa heddu keessati hammataa jira. Keessumattuu weerarri vaayirasichaa Briteen magaalaa London keessatti to’annaan ala bahuu labsamee jira. Kanuma hordofuun Kanadaa fi biyyootaa Ameerikaa kibbaa heddu dabalatee kanneen birootis imala UK irraa dhufu ugguraa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button