header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suuriyaa haleellaa naannoo Idlib keessatti haarayatti jalqabe hammeessee itti fufuu gabaafame

Mootummaan Bashaar Al-Asaad michuu isaa Raashiyaa waliin tahuun, December dabre irraa jalqabe naannawa too’annaa finciltootaa jala jiru keessatti duula waraanaa bala’aa geggeessaa jira. Haaleellaa xiyyaaronni waraana Raashiyaa fi loltoonni mootummaa Suuriyaa nannawa Idlib keessatti raawwataa jiraniin, guyyoota lamaan dabran qofa lubbuun lammiilee nagayaa 20 ol dabruu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsa Arba’aa dabre baaseen ammoo, haleellaa mootummaa Suuriyaa kana hordofuun, ji’oota lamaan dabran keessa qofa lammiileen biyyattii 390,000 ol kanneen irra jireessi isaanii ijoollee fi dubartii tahan gara daangaa Turkiyaa kan baqatan tahuu beeksise.

Gama biraatiin ammoo lola naannichatti hammaate kanaan wal qabatee Turkiyaan waraana dabalataa taankiin deeggarame daangaa Suuriyaa irra qubsiisuu jalqabdee jirti. Miseensi Paarlaamaa Turkiyaa Ahmet Onkar dhimmicha irratti Aljazeeraaf yaada kenneen “Turkiyaan dippilomasii qofaan osoo hin taane, humna waraanaatiinis tahu naannicha tasgabbeesuuf dirqama qabdi; haleellaa waraanni Suuriyaa raawwataa jiruun daangaa keenna irratti gaaga’amni hamaan osoo hin uumaminiin duratti jidduu ni seenna”jedhe.

Turkiyaan yeroo ammaa baqattoota Suuriyaa miiliyoona 3.5 ol kan keessummeessaa jirtu yoo tahu, lola haarayatti itti fufe kana hordofuun baqattoota dabalataan gara biyyattii godaanaa jiraniin wal qabatee yaaddoo keessa galtee jirti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button