header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Turkiyaan Masjiida beekamaa seeraan ala gara Muuziyeemiitti jijjiiramee ture gara Masjiidaatti akka deebi’u murteesse

Prezdaant Erdogaan Masjiidni beekamaan Ayasofiyaa jedhamu, kan seeraan ala bara 1934 murtii Kaabineetiin qofa gara Muuziyeemiitti jijjiiramee ture, guyyaa har’aa irraa jalqabee gara Masjiidaatti deebi’uu labse. Prezdaantichi labsii kana kan baase manni murtii ol’aanaan biyyattii dhimmicha ilaalaa ture, mootummaan yeroo san Turkiyaa bulchaa ture Masjiidicha seeraan ala gara Muuziyeemiitti kan jijjiire tahuu Jum’aa har’aa eega murteessee booda.
Prezdaant Rajab Erdogaan Masjiidni Ayasofiyaa akka tajaajila amantii kennuuf yeroo dheeraa kan carraaqaa ture yoo tahu, waraqaa labsii guyyaa har’aa kanas fuula Twitter isaa irratti maxxansee jira.
Labsii mootummaa Turkiyaa kana hordofuun, lammiileen biyyattii heddu Masjiidicha afotti walitti qabamuun gammachuu isaanii kan ibsataa turan akka taheefi, ammas ministeerri amantaa biyyattii hatattamaan haaromsee salaataa fi tajaajila amantaatiif akka qopheessu gaafachuu isaanii odeeyfannoon ni addeessa.

Ayasofia

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button