header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Yamanii fi Gareen Huusii Siwiidin Keessatti marii jalqaban

Mariin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin qophaayee guyyaa har’aa jalqabame kun, Siwiidin magaalaa Rimbo tan Stockholm irraa kilomeetra 50 fagaattee argamtu keessatti kan kan geggeefamaa jiru yoo tahu, bakka buutonni mootummaa Yamanii fi garee huusii marii kana irratti hirmaataa jiran.

 

Yamanitti bakka bu’aan addaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii  Martin Griffith sirna baniinsa marii kanaa irratti haasaya godheen, “mootummaan Yamanii fi gareen Huusiitis hegeree yamaniif jecha mariin kun akka milkaahu hojjachuu qaban”jedhe.  Mr Martin itti dabaluudhaanis, gareen lamaanuu marii kanaan walqabatee wal amantaa cimsuudhaaf walitti bu’iinsa irraa of qusachuuf fedhii agarsiisuun isaanii lammiilee Yamanitti kan abdii horu tahuu hime.

 

Ministeerri haajaa alaa Siwiidin Miss Margot Wallstrom gama isitiin dhaamsa dabarsiteen, “gareen lamaanuu walitti dhihaattanii furmaata barbaaduuf nageenyaaf jecha fedhii keessan dabarsitanii kennuuf qophaayuu qabdan”jette.

 

Gareen Huusii mootummaan ce’umsaa mana mare prezdaantiitiin hogganamu akka dhaabbatu, akkasumas  mana marichaa keessatti Prezdaant Abdurrabuu Haadii akka hin hirmaanne yaada jedhu kan qaban tahuu gabaafame. Ministeerri haajaa alaa mootummaa Yaman Khaalid Al-Yamanii yaada Huusii kana dubbii hin fakkaanne jechuun tuffate.  Mr  Khalid fedhii mootummaa Yaman ilaalchisee yaada Aljaziiraaf kenneen, “gareen Huusii fedhii ummata Yamani fi hawaasa addunyaa   kabajanii qawwee hiikkachuun dhaabbilee mootummaa hunda  yoo kan gad hin lakkisne tahe furmaatni biroo hin jiru”jedhe.

Lolii waggoota sadihii oliif Yaman unkuraa jiru lammiilee biyyattii 56,000 ol galaafatuun miiliyoo 22 ammoo beelaaf saaxilee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button