header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Yunivarsitiiwwan gara tasgabiitti hin deebine irratti tarkaanfii hanga cufuutti gahu kan fudhatu tahuu ibsame

Jeequmsa Yunivarsitiiwwan biyyaatti gara gaara akeessatti dhiheenya ka’e hordofuun, Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad boordii dhaabbilee barnoota olaanoo, Prezdaantoota Yunivarsitiiwwanii fi hoggantoota naannolee, akkasumas hoggantoota dhaabbilee nageenyaa mootummaa Federaala fi magaalaa Finfinnee waliin mari’aatu gabaafame.

Marii kana irratti muummichi ministeeraa Yunivarsitiiwwan rakkoon nageenya keessatti uumame, kan hin tasgabboofne yoo ta’e, mootummaan tarkaanfii hanga cufuutti fudhachuu akka danda’u kan akeekkachise tahuu gabaasni FBC irraa arganne ni mul’isa.

Dabalataanis, jeequmsa dhiheenya ka’een walqabatee barattoota lubbuun nama akka dabruuf sababa tahan irrattis tarkaanfiin kan fudhatamu tahuus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button