header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan itti fufe yoo tahu, tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhataa jiruun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 50 du’uu dubbi himaa mootummaa naannoo Oromiyaa eeruun Rooyters gabaase. Haata’u malee lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol tahuu gabaasaaleen tokko tokko ni mul’isu.

Magaalota guyyaa har’aa mormiin keessatti geggeeffamaa jiru jidduu Amboo fi Roobe adda duree yoo ta’an, keessumattuu ummanni magaalaa Amboo “reefki Artist Haacaaluu Finfinnee keessatti awwaalamuu qaba; Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni hidhaman akka lakkifaman”dhaadannoo jedhu kan dhageesisaa turan tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Mormii magaalaa Amboo kanarrattis humnoonni mootummaa dhukaasa bananiin namoonni heddu rukutamuu gabaasni BBC irraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Baalee Roobee keessattis tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhateen, namoonni heddu rasaasaan rukutamuu gabaasaaleen ni mul’isu.

Gama biraatiin ammoo Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee, namoonni 30 ol guyyaa kaleessaa hidhaman gara Maa’ikalaawii kan geeffaman tahuu gabaafame.

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa fi hidhamuu hoggantoota siyaasaa Oromoo hordofuun Kibxata kaleessaa irraa jalqabee biyyoota addunyaa heddu keessattis mormiin geggeeffamaa jira.

12 Comments

  1. AS wr wb Akkamjirtan YaarabbiiHaqa Oromoo fimuslibiyyikenyaa ifabaasiiNuAgarsiisii OtuNuti Adduniyaarrajirruu

  2. rabbiin nuf haaa bitmaatuu inshallah 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

  3. yaa carraaa umataa oromoo maali nuf woyyaa 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭gubanneeeee kessii kenaa ilmaa oromoo dhignii lafat dhumatee yaa rabbii nuraa kassii

  4. yaa rabbii caraan keenyaa kunii malii
    yaa rabbii nuf birmaadhuu mee ati

  5. namonni hidhaamani sodomaa qofaami kaa komishinaari policy dubbatee yuu namaa sodommi shaani.

    rabbiin nuuf haa birmaatuu wani jenuu hin qabinuu garaani nuu guubate yaa dhigaa lammii koo yoomuma jigguu dhisaa garuu⁉️😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button