Categories: Odeeyfannoo Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan itti fufe yoo tahu, tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhataa jiruun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 50 du’uu dubbi himaa mootummaa naannoo Oromiyaa eeruun Rooyters gabaase. Haata’u malee lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol tahuu gabaasaaleen tokko tokko ni mul’isu.

Magaalota guyyaa har’aa mormiin keessatti geggeeffamaa jiru jidduu Amboo fi Roobe adda duree yoo ta’an, keessumattuu ummanni magaalaa Amboo “reefki Artist Haacaaluu Finfinnee keessatti awwaalamuu qaba; Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni hidhaman akka lakkifaman” dhaadannoo jedhu kan dhageesisaa turan tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Mormii magaalaa Amboo kanarrattis humnoonni mootummaa dhukaasa bananiin namoonni heddu rukutamuu gabaasni BBC irraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Baalee Roobee keessattis tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhateen, namoonni heddu rasaasaan rukutamuu gabaasaaleen ni mul’isu.

Gama biraatiin ammoo Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee, namoonni 30 ol guyyaa kaleessaa hidhaman gara Maa’ikalaawii kan geeffaman tahuu gabaafame.

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa fi hidhamuu hoggantoota siyaasaa Oromoo hordofuun Kibxata kaleessaa irraa jalqabee biyyoota addunyaa heddu keessattis mormiin geggeeffamaa jira.

Leave a Comment

View Comments

  • namonni hidhaamani sodomaa qofaami kaa komishinaari policy dubbatee yuu namaa sodommi shaani.

    rabbiin nuuf haa birmaatuu wani jenuu hin qabinuu garaani nuu guubate yaa dhigaa lammii koo yoomuma jigguu dhisaa garuu⁉️😭😭😭

  • yaa rabbii caraan keenyaa kunii malii
    yaa rabbii nuf birmaadhuu mee ati

  • yaa carraaa umataa oromoo maali nuf woyyaa 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭gubanneeeee kessii kenaa ilmaa oromoo dhignii lafat dhumatee yaa rabbii nuraa kassii

  • rabbiin nuf haaa bitmaatuu inshallah 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

  • AS wr wb Akkamjirtan YaarabbiiHaqa Oromoo fimuslibiyyikenyaa ifabaasiiNuAgarsiisii OtuNuti Adduniyaarrajirruu

Recent Posts

  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

WHO’n Weerara Covid-19 yeroo dhihotti too’achuun kan hin danda’amne tahuu beeksise

Daayirektarri WHO Dr.Tedroos Adhanom ibsa wixata hardhaa kenneen, Weerarri Covid-19 biyyoota kanaan dura to’achuu labsan…

8 hours ago
  • Kaanaadaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo
  • Saayinsiif Teknoolojii

Kanadaan Appilikeeshina Telefoona nama dhibee COVID-19’n faalame adda baasu hojjatte

Muummichi ministeera Kanadaa Justin Trudeau "Appilikeeshiniin bilbila ammayyaa ‘COVID Allert' jedhamu kun kalaqa haarawa dhibee…

1 day ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii biyyoota Arabaatiif kan jalqabaa tahe ifatti hojii jalqabsiiste

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii “Barakaa” jechuun moggaafate kana, daangaa biyyattii gama Qaxar aanu irratti kan…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Lakkoofsi Lammiilee Afrikaa Kibbaa Covid-19 qabamanii 500,000 dabruu gabaafame

Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa ibsa baaseen, Sabtii kaleessaa qofa biyyattii keessatti vaayirasichi namoota 10,107 irratti…

2 days ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

COVID_19 fi Sirna Hajjii bara 2020

Imalli Hajjii utubaa Islaamaa shanan jidduu tokko yoo ta’u, nama muslimaa humna ( qabeenya raawwachuuf…

3 days ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Sa’uudii 10,000 sirna Hajjii bara 1441 geggeessaa jiran

Muslimoonni miiliyoonataan lakkaahaman waggaa waggaan guutuu addunyaa irraa gara Magaalaa Kabjamtuu Makkaa imaluun, sirna Hajjii…

6 days ago