header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mormitoonni Iraaq Qonsilaa Iiraan magaalaa Najaafitti argamu guban

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ateen walqabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe mormuun ji’a lama dura daanditti bahuun isaanii ni beekama. Mootummaan biyyattii rakkoo diinagdee furuuf kan carraaqaa jiru tahuu ibsullee mormiin ummataa kun magaalota heddu keessatti kan itti fufe yoo tahu, halkan edaa mormitoonni qonsilaa Iiraan magaalaa Najaaf keessatti argamu ibiddaan kan barbadeessan tahuu gabaafame.

Mormitoonni akka jedhanitti, mootummaan Iiraan dhimma biyya isaanii keessa galuun mootummaa Iiraaq’f deeggarsa kenna jechuun kan yakkan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Haaluma kanaan mormitoonni dallaa qonsilichaa cabsuun yeroo seenan “Iiraan biyya keenna keessa bahuu qabdi”dhaadannoo jedhu kan dhageessisaa turan tahuu gabaafame. Haleellaa kanaan garuu lubbuu namaa irra balaan dhaqqabe kan hin jirre tahuunis beekamee jira.
Iiraan haleellaa mormitoonni qonsila isii irratti raawwatan kana balaalefachuun, mootummaan Iraaq dhaabbilee dipilomaasii tiksuuf dirqama kan qabu tahuu akeekachiiste. Dabalataanis mootummaan qaamota haleellaa kana raawwatan seeratti akka dhiheessu gaafatte.

Dhaabbiileen mirga namoomaa hiriira mormii Iiraaq keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee hanga ammaattii lubbuun namoota 350 ol darbuu gabaasan. Hiriirri mormii baatii lama dura eegalame kun yeroo ammaa guutuu biyyaattii keessatti kan babal’ate yoo ta’u, mootummaan jalqaba irraa mormii kana humnaan ukkaamsuuf yaaliin godhaa ture hanga ammaatti hin milkoofne.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button