Categories: Odeeyfannoo Odeeyfannoo Biyyaa

Mormitoonni Iraaq Qonsilaa Iiraan magaalaa Najaafitti argamu guban

Advertisements

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ateen walqabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe mormuun ji’a lama dura daanditti bahuun isaanii ni beekama. Mootummaan biyyattii rakkoo diinagdee furuuf kan carraaqaa jiru tahuu ibsullee mormiin ummataa kun magaalota heddu keessatti kan itti fufe yoo tahu, halkan edaa mormitoonni qonsilaa Iiraan magaalaa Najaaf keessatti argamu ibiddaan kan barbadeessan tahuu gabaafame.

Mormitoonni akka jedhanitti, mootummaan Iiraan dhimma biyya isaanii keessa galuun mootummaa Iiraaq’f deeggarsa kenna jechuun kan yakkan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Haaluma kanaan mormitoonni dallaa qonsilichaa cabsuun yeroo seenan “Iiraan biyya keenna keessa bahuu qabdi” dhaadannoo jedhu kan dhageessisaa turan tahuu gabaafame. Haleellaa kanaan garuu lubbuu namaa irra balaan dhaqqabe kan hin jirre tahuunis beekamee jira.
Iiraan haleellaa mormitoonni qonsila isii irratti raawwatan kana balaalefachuun, mootummaan Iraaq dhaabbilee dipilomaasii tiksuuf dirqama kan qabu tahuu akeekachiiste. Dabalataanis mootummaan qaamota haleellaa kana raawwatan seeratti akka dhiheessu gaafatte.

Dhaabbiileen mirga namoomaa hiriira mormii Iiraaq keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee hanga ammaattii lubbuun namoota 350 ol darbuu gabaasan. Hiriirri mormii baatii lama dura eegalame kun yeroo ammaa guutuu biyyaattii keessatti kan babal’ate yoo ta’u, mootummaan jalqaba irraa mormii kana humnaan ukkaamsuuf yaaliin godhaa ture hanga ammaatti hin milkoofne.

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…

3 hours ago
  • Og-Barruu
  • Seenaa

Luqmaan Al Hakiim, Akkamitti Hakiima Ta’e?

Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…

1 day ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame

Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Paartileen Morkattootaa 10 waliin hojjachuuf Walii galtee mallatteessan

ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…

3 days ago