header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOg-Barruu

Mudannoo paarlaamaa Keeniyaa fi Niiw Ziilaand keessatti mudatte

Torbee lamaan dabre kana keessa paarlaamaa biyyoota garagaraa lamatti mudannoon walfakkaatu mudate. Biyyoonni lamaan kun tokko biyya oollaa keenya Keeniyaa fi biyya Ardii Awrooppaa Niiw ziilaand yoo tahan, muudannoo lamaan jalqabni wal fakkaatuus dhumni garaagarummaa qaba.

Maaltu ta’e?

Torbaan lama dura bakka buutuu mana marii ummata Keeniyaa tan taate Addee Zuleykhaa Hassan daa’ima eega dhalate ji’a shanii qabattee wal-gahii paarlaamaa biyyaattii seente. Mudannoon akkasii seenaa Paarlaamaa Keeniyaatti kan jalqabaa ta’uutu himama.

p07k076m.png

Aadde Zuleykhaa Hassan akka jettutti, dhimma ariifachiisaa waan qabduuf daa’ima isii qabattee gara hojii dhufte.

Yeroo aadde Zuleykhaan daa’ima isii qabattee Paarlamaa seentu, miseensoonni mana marii itti iyyuun jeeqan. Gariin ammoo wal tuttuqaa, quba itti laatanii ajaa’iban.

Paarlamaan jeeqamuu hordofuun itti aanaan af-yaa’ii mana marichaa to’achuu waan dadhabeef daa’ima isii qabattee akka baatu ajaje.

Dhimmi kun torbaan tokkoof Miidiyaalee gurguddoo Keeniyaa irratti qabiyyee wal falmii tahee ture.

Torbaanuma kana keessa mudannoon wal-fakkaatan Paarlaamaa biyya Niiw ziilaand keessatti mudate.

images (28)

Mudannoon kun wal fakkaatuus, akkaataan itti simatame garuu wal adda. Akkuma biyyoonni lamaanuu adda fagaatanii argaman, akkaataan xumura mudannoo kanaatis adda fagaatee mullate.

Miseensi Paarlamaa Niiw ziiland kan maqaan isaa Toomaatii Koofey jedhamu daa’ima eega dhalate torbaan jahaa qabatee mana marichaa dhufe. Marii dhimma gatii boba’aa geggeeffamaa ture irrattiis mormuuf, yaadasaa akka ibsatuuf carraan kennameef.

Yeroo abbaan daa’imaa falmii geggeessu, akka yaada isaa qalbii takkaan dabarfatuuf af-yaa’iin mana marichaa Treevoor Maaraard mucaa irraa fuudhe. Af-yaa’ichi ilma dhiiraa diqqaa abbaa irraa fuudhe xuuxxoo hoosisaa mana mariichaa geggeessaa ture.

Suuraa fi viidiyoon af-yaa’iin mana marichaa daa’ima xuuxxoo hoosisaa ture mul’isuu uwwisa Miidiyaa guddaa argate. Gara miidiyaatiin hawaasaa addunyaa hundaaf tamsaafamaa turanis.

Namoonni hedduunis Mr Treevoor Maaraard dinqisiifatanii jiran.

 

2 Comments

  1. Afirikaan yeroo baayye waan haaraya taee isaan mudate yaada dheeressanii osoon laalin dogogora keessa bu u
    dadhabina afrikaa jedhamee ka u nidanda ama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button