Mu’jizaa Mu’jizaa Caale, Qur’aana Rabbii, Sheikh Ahmad Diidaat Kutaa 1ffaa

Dura taa’aa qophii kanaa, Obboleewwan kiyya jaalatamoo. Mata dureen irraa haasawu, Al Qur’aan, Mu’jizaa Mu’jizaa caalu jedha. Aayaa Qur’aanaa takka isiniif qara’ee jira. Adaduma saganataa keessaa gad seenaa deemnuun, waan Rabbiin dhimma Mu’jizaa irraa aayaa san keessatti dubbate isiniif ibsa. Garuu mee, Mu’jizaa jechuun maal akka ta’e isiniif haa himu. Mu’jizaan Maali? Mu’jizaa jechuun waan amanuun nama dhibu, waan aqliin ilma namaa fudhatuun itti ulfaatu. Waan ilma namaatii ol jiru jechuudha.

Fakkeenyaaf, osoma walgahiin kun geggeeffamaa jiru, nu keessaa namni tokko gaggabee lafa dhahee, achumaan du’e haa jennu. doktorri waamamee yoo laalu, namichi du’uu isaa mirkaneesse. Dooktorri biraatis waamamee yaada akka kennu gaafatamnaan, innis du’a namichaa mirkaneesse. Janaazaa isaa fuudhaa deemaa, awwaala isaa qopheessaa jedhe. Garuu namni Rabbitti amanu tokko dhufee, nama du’ee lafa ciisu kana argee, ‘Hayyama Rabbiitiin dhaabbadhu!’ jedhee ajaje. “Maqaa Rabbiitiin Dammaqi, lafa ka’i!” jedhe. Namichis lubbuun itti deebite ol ka’e. Fayyaan isaatis sirraayee jira. Nuti wanta kanaan Mu’jizaa jenna. Sababni isaa, kun waan amanuun nama dhibu. Doktoroonni lama du’a nama sanii mirkaneessanii jiran, haa ta’u malee namicha lubbuun itti deebite jirti. Kun mu’jizaadha.
Ammas namni tokko du’ee, guyyaa sadihiif bakka reeffa tursiisan keessa kaayamee jira haa jennu. Itti aansuun namni qalbiin isaa akkaan jajjaba ta’e tokko dhufee, Maqaa Rabbiitiin dhaabbadhu! Jedhee ajaje. Reeffi sunis ka’ee dhaabbate. Isa kanas Mu’jizaa guddaa jenna. Sababani isaa, carraan ta’uu dhabuu waan kanaa akkaan guddaadha.

Ammas namni tokko eega du’ee, awwaalameen booda. Eega lafeen isaa bittannooftee adda baateen booda, namni tokko dhufee, maqaa Rabbiitiin dhaabbadhu jedhee Rabitti booye. Namichis ka’ee dhaabbate. Qaamni isaatis qulqulluu ta’ee hafuuras fudhatuu jalqabe. Isa kanas Mu’jizaa akkan guddaa ta’e jenna. Hiikkaan Mu’jizaa amma isiniif kenne, nama hundaaf ifa natti fakkaata. Hubachuudhaafis nama hin dhibu.

Haaluma kanaan Qur’aanni Mu’ijizaa dubbiiti. Ummata duraan turaniif Nabiyyoonni garagaraa ergamaa turan. Ilmi namaa yeroo san tures, namni sun Nabiyyii ta’uu isaatif, ragaa sammuu ilma namaatii ol ta’e irraa arguu fedhan. Nabiyyallaah Muusaan (AS), Mu’jizaa Maajikiin walfakkaatutu isaaf kenname. Yeroo sanitti biyya Misraa keessatti namoota Ajaa’iba dalaguudhaan beekkaman keessaa inni isa tokko. Kanaafuu inni warra Sihrii dalaguudhaan yeroo sanitti beekkaman waliin wal dorgomuu qaba. Rabbilleen Mu’jizaa namoota yeroo sanitti Sihrii dalaguun beekkaman irra caalu isaaf kenne.
Mootichi jallataan Fir’oown, Nabi Muusaa Nama Sihrii dalagu seehe, kanaaf warra isaa kan Sihrii dalaguudhaan beekkaman fidee akka wal dorgoman godhe. Warri Sihrii dalagan kunniin ulee gabaabduu waan kana ittiin dalagan qaban. Yeroo ulee tana lafatti darban, uleen isaanii sun gara bofa xixiqqatti jijjiirame.

 

Yeroo Nabi Muusaan (AS) gaara irra ture san, Rabbiin (SW) ulee takka isaaf kennee ture. Nabi Muusaanis yeroo kanatti Waan godhu waan beekeef, ulee isaa san darbe. Uleen isaa sunis gara bofaatti jijjiirame. Bofni kun ammoo bofa xixiqqoo warra sihrii dalaguu san hunda liqimse. Nabi Muusaan (AS) yeroo bofa san ol fuudhu, gara uleetti jijjiirame. Warri Misraa kan Sihrii dalagan sunniin, wanti kun Sihrii ta’uu akka hin dandeenye yeroma san baran. Kun fakkeessuudhaamiti, ija namaa of wallaalchisuu miti. Ija namaatti waa fakkeessu jechuun, waan hin jirre tokko ija isaa duratti fakkeessitee mul’isuu jechuudha. Ulee darbitee falfalatti fayyadamtee bofa akka fakkaatu godhuu dandeetta. Waan namatti fakkeessite san ammoo deebistee gara ulee deebisuu qabda. Akkas akka hin goone ammoo uleeleen sunniin dhabamanii jiru. Uleen sunniin hundi ulee Muusaa keessa seenanii jiran, garuu uleen muusaa furdina isaa hin daballe. Kanaafuu kun Mu’jizaa guddaadha. Warri Sihrii dalagu sunniin, wanti Muusaan dalage Sihrii akka hin taane ragaa bahan. Kun waan Sihrii irra caalu jedhan. Kun Mu’jizaadha. Falfala osoo hin taane, Mu’jizaadha.

 

Rabbiin (SW) akkaataa ummanni sun itti barbaaduu fi hubatuu danda’utti Mu’jizaa kenna. Namoota sammuun isaanii Sihriin guutameef, Sihrii dhugaa san caaluun itti dhufuu qabda. Nabiyyallaah Iisaan AS yeroo ergame san, ummata dawaa biyya Giriik kennuun beekkaman keessatti dhufe. Dawaa garagaraa fayyadamuudhaan waan ajaa’ibaa dalagaa turan. Kanaafuu Rabbillee humna waa fayyisuu isaaf kenne. Namoota ijaan arguu hin dandeenye fayyise. Namni sababa dhukkuba adda addaatiin ija isaa dhabe, nama jalqabuma gaafa dhalatu irraa kaasee qaroo isaa dhabee dhalate waliin wal hin fakkaatu. Rabbiin (SW) aangoo namoota qaroo dhabeeyyii ta’an ittiin fayyisu isaaf kenne. Namoota Barasa gogaa qaban fayyise. Namoota du’an du’aa kaase. Kun hundi heeyyama Rabbiitiin ta’e. Kunis namoota Amansiisuudhaaf Mu’jizaa kenname ture.

 

Nabiin keenya jaalatamaan ﷺ ummata seerlugaan of jaju jiddutti ergaman. Wanti isaan ittiin of jajan dandeettii Afaanii ture. Dubbii irratti ummata Ajaa’ibaati. Walalooodhaanis ni beekkaman. Nuti ummata Sirritti dubbii beeku. Nuti ummata Arabaati jechaa of dhaadu. Ummanni nuun ala jiru ammoo ajama, ummata dubbii hin beekne jedhan. Akkasitti of jajan. Isin warri ajamaa, Afaan keessaniin, jecha tokkoof jecha wal fakkaataa kan biraa hagam qabdu jedhanii isin gaafatan. Jaha jettanii deebisuu dandeettan. Isaan ammoo nuti 100 isiniif kennuu dandeenya jedhan. Jecha Seeyfii jedhuuf afaan keessaniin jecha wal fakkaataa hagam qabdu jedhanii gaafatan. Namuu jecha 6 qabna jedhee deebisuu mala. Namni Arabaa tokko ammoo argitee, an ammoo Afaan kiyyaan jechoota 100 siif kennuu danda’a siin jedha. Nuti warra dubbii beekuu, isin ammoo warra dubbii hin beekne, ajama isiniin jedhan.

Yeroo ummata haala akkanaa qabu keessatti ergaman sanitti, mu’jizaan guddaan isaan fiduu danda’an Qur’aana. Dubbiin Qur’aana keessa jiru wanti jalqaba godhe, namoota moohachuudha. Kana booda namoonni Qur’aana argan, wanti kun walaloodhaamiti, wanti kun asoosamaa miti, wanti kun waan amantii keenyaa ol jiru, jechuudhaan amantii san fudhatan.

Mee waan namoonni Muslima hin ta’in waa’ee qur’aanaa dubbatan isiniif haa himu. A J Arberry, lammii Ingiliiziiti, nama Qur’aana gara Afaan Ingiliffatti hiike keessaa isa tokko. Seensa kitaaba isaa irratti akkana jedhe, inni Arabaa miti, Afaan Arabii ni barate malee, Afaan dhaloota isaatii miti. ‘yeroo qur’aanni dubbifamu, (haala gaariin yeroo qara’amu jechuu isaati), Akka waan wallee dhaggeeffataa jiruu natti fakkaata. Yeedaloo yaa’u hunda keessatti, yeroo hunda wanti rukuttaa dibbee fakkaatu wahii ni jira. Kunis akka waan onnee kiyya na dhahaa jiruttii natti dhagahama. Yeroo qur’aanni qara’amu humna si sochoosu kan ati ofirraa dhoorkuu hin dandeenyetu jira” jedhe.

Misiyoonara Kiristaanaa kan ta’e Reverend Bosworth Smith namni jedhamu, Kitaaba, Muhammad and Muhammadinism jedhamu barreesse. Kitaaba isaa keessatti, waa’ee Nabii keenya jaalatamaa ﷺ fi waa’ee Qur’aanaa dubbatee ture. ‘Namni waa hin baratin, ummiyy, namni dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye, barreessaa kitaabaa ta’ee jira (yaada kanaan nuti walii hin gallu. Jedhe. Nabi Muhammad ﷺ barreessaa kitaaba kanaatii miti. Akka namichi kun jedhetti, akka amantii isaatti, akka hubannoo isaatti Nabi Muhammad ﷺ barreessaa kitaaba kanaati….) Barreessaa kitaaba kanaati. Walaloo of keessaa qaba, seera bulmaataa of keessaa qaba, kitaaba du’aa’iiti, kitaaba ququlluudha. Waan hunda of keessatti qabatee jira” jedhe.

Sanyiiwwan ilma namaa gurguddoo 6n jiraniin hanga har’aatis akka Mu’jizaatti kabajama. Akka Mu’jizaatti kabajama. Qulqullinni barreeffama isaa, ogummaa fi dhugaan isa keessa jiru, Mu’jizaa tokko kan karaa Muhammadiin dhufe, Innis Mu’jizaa dhaabbataa jedhee isa waame. Dhugumatti inni kun Mu’jizaadha” jedhe. Shakkiin maletti Mu’jizaadha. Inni kun dhugumatti Mu’jizaa ta’uu namuu ragaa baha.

 

Comments
Loading...