header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muslimoota Magaalaa Burraayyuu irraa hidhaman irratti adabbiin hidhaa waggaa 2 fi ji’a 6 murteefame.

Magaalaa Burraayyuu naannawa Ashawaa Meedaatti “Masjiidni  diigamu hin qabu”jechuun muslimoota karaa nagayaatiin mormii dhageessisan, qaamonni mootummaa masjiida seenuun akka  tumanii fi muslimoota 10 kan hidhan tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

 

Torbee darbe keessa manni murtii sadarkaa 1ffaa magaalaa Burraayyuu ragaa ittisaa himatamtoonni dhiheeffatan eega dhageefatee booda,  himatamtoonni lama akka hiikaman fi himatamtoota 8 immoo guyyaa hardhaatti beellamee ture.

 

Muslimoonni kunniin beellama isaanii irratti hundaa’uun guyyaa hardhaa mana murtii kan dhiyaatan yoo tahu, hunda isaanii irratti adabbiin hidhaa waggaa 2 fi ji’a 6 kan murteefame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Muslimoonni adabbiin hidhaa irratti murteefame kunniin:

  1. Nuuraddiin Siraaj
  2. Amiin Bediruu
  3. Sheikh Hayiree Muhammad
  4. Bilaal Nuurii
  5. Mukammil Umar
  6. Ibraahim Jamaal
  7. Abdulaxiif Radii fi
  8. Hayruu Badruu tahuu isaanii beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button