header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeera Ayarlaand daaw’annaa hujiitiif Finfinnee seene

Muummichi ministeera Ayarlaand Liyoo Varadkaarn ganama har’aa Finfinnee kan seene yoo tahu, gita isaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad waliin kan mari’ate tahuun beekamee jira. Hoggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu irratti kan mari’atan akka taheefi, Ayarlaand ji’oota muraasa dura gama dhaabbata biyyattii  “Irish Aid”jedhamuutiin, Yuuroo miiliyoona 30 kennuudhaaf waadaa kan galte tahuu gabaafame.

 

Muummichi ministeera Ayarlaand daaw’annaa Ityoophiyaa keessatti geggeessaa jiru kanaan, Prezdaant Saahlaworq Zawudee dabalatee qondaaltota biroo waliin kan mari’atu tahuun beekamee jira.

 

Odeeyfannoo walfakkaatuun Prezdaantiin Jarman Fraank Waaltar Steeyineeyar dhuma ji’a January kana Ityoophiyaa kan daaw’atu tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button