header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Briteen Paarlaamaa biyyattii torbaan shaniif kan ugguru tahuu beeksise

Muummichi ministeera Briteen  Boris Johnson karoora biyyattiin gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf jalqabde galmaan gahuuf jecha,  danqaa paarlaamaa biyyattii irra isa muudatu hambisuuf  ji’a dhufu keessa Paarlaamaa biyyattii torbaan shaniif cufuuf kan karoorfate yoo tahu, mootittiin Briteenis karoora kana kan raggaasiste tahuun beekamee jira.

 

Biriteen gamticha keessaa bahuu fi dhiisuu akka beeksistu yeroon kennameef October 31/2019 kan dhumatu yoo tahu, muummichi ministeeraa garuu September 10/2019-October 14/2019tti Paarlaamaa biyyattii cufuuf kan karoorfate tahuu beeksise.

 

Haata’u malee karoorri muummicha ministeeraa kun biyyattii keessatti mormii cimaa kan kaase tahuus odeeyfannoon ni addeessa.  Hoggantoonni Paartii mormituu fi miseensonni Paarlaamaa biyyyattii heddu akka jedhanitti, ‘Boris Johnson mirga dimokrasii isaanii cabsuun adeemsa gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf biyyaattiin hordofaa jirtu irratti, marii fi mormiin gahaan akka hin geggeefamne godhaa jira”jechuun dhimmicha mana murtiitti kan geessan tahuu ibsaa jiran.

 

Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu ilaalchisee sanadii walii galtee “Brexit Deal”jedhamu qopheessee ture. Haa ta’u malee Paarlaamaan biyyattii sanadii dhihaate yeroo heddu eega kuffisee booda, muummittiin ministeera Briteen duraanii Tereesaa Meey  ji’a tokko dura taayitaa gadi lakkisuun, Boris Johson aangoo kan qabate tahuun ni yaadatama.

 

Boris Johnson Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa akka baatu jalqaba irraa nama carraaqaa ture yoo tahu, ammas  yoo danda’ame biyyattiin walii galteedhaan gamticha keessaa akka baatu, yoo dadhabame ammoo walii galtee malee gamticha akka gad lakkistuuf cimsee kan hojjataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee biyyattiin walii galtee malee gamticha keessaa yoo kan baatu tahee, rakkoo diinagdee fi hawaasummaa cimaaf kan saaxilamtu tahuu ibsamaa jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button