header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Israa’el dachii Falasxiin humnaan gara Israa’elitti kutuuf dhaadate

Muummichi ministeera Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahu duula na filadhaa geggeessaa jiru ilaalchisee, Kiibxata kaleessaa haasaya Televizhina biyyattiitiin kallattiin dabreen, ” irra deebiin yoo kan filatamu tahe mootummaa haaraya akkuma hundeesseen Sulula Urduun West Bank keessatti argamuu fi naannawa kaaba Bahar-al-Mayyititti argamu hunda  gara Israa’elitti kutuuf har’a waadaa gala” jedhe.

 

Naannoon Benjaamin Netaaniyaahuu humnaan Israa’el jalatti galchuuf dhaadate kun, dachii yeroo ammaa West Bank keessatti harka Falasxiin jala jiru keessaa dhibbeentaa 30 ol yoo tahu, kanaan duras Israa’el manneen seeraan alaa ijaaruun Yahuudota kuma 11 ol qubsiistee jirti. Dabalataanis yeroo ammaa naannicha keessa Falasxiinonni kuma 65 ol tahan kan jiraatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Labsiin Israa’el kun Falasxiin fi biyyoota biroo irraa mormii cimaa kan kaase yoo tahu, Prezdaantiin Bulchiinsa Falasxiin Mahmuud Abbaas “Israa’el karoora kana raawwachuuf yoo kan yaaltu tahe, walii galteewwan kanaan dura mallatteeffaman hundi kan diigaman taha”jechuun akeekkachiise. Gamtaan Ministeerota  haajaa alaa biyoota Arabaa gama isaatiin labsiin Israa’el kun “marii nageenyaa Israa’el fi Falasxiin jiddutti geggeeffamu kan danqu” jechuun balaaleffate.

 

Haaluma wal fakkaatuun Sa’uudii fi Qaxar dabalatee biyyoonni Arabaa heddu karoora mootummaa Israa’el kana balaaleffatanii jiru.  Sa’uudiin karoorri kun “seera addunyaa kan cabsuu fi gocha hamaa Falasxiinota irratti aggaamame”jechuun balaaleffatte. Dabalataanis mootummaan Sa’uudii dhimmicha irratti mari’achuuf ministeerota biyyoota Islaamaa 57 wal gahii ariifachiisaa yaamee jira.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button