header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi Ministeera Maleezhiyaa kan duraanii malaamaltummaan yakkamuun hidhaan waggaa 12 irratti murtaahe.

Muummichi Ministeera Maleezhiyaa kan duraanii Najiib Razaaq Bara 2009 kaasee waggoota 9‘f aango irra kan ture yoo tahu, yeroo biyyattii bulchaa turetti aangoo isaatti seeraan ala fayyadamuun doolaara miliyoona heddu samuu dabalatee, himannaa torba irratti dhiyaate hundaanuu balleessaan irratti murame. Himannaalee kanneen jidduu Najiib Razaaq yeroo tokkotti qofa, doolaara Ameerika miliyoona 10 fandii maallaqa mootummaa irraa akkaawuntii dhuunfaa isaatti kan dabarfate tahuu ibsame.

Haaluma kanaan manni murtii biyyattii Najiib Razaaq irratti hidhaa waggaa 12 kan murteesse yoo tahu, ol iyyaannoodhaan adabbiin itti murame yoo kan hin jijjiiramne tahe mana hidhaa kan seenu tahuu gabaafame.

Abbaan murtii mana murtii olaanaa Kuwaalalampuur Muhammad Nazlaan Gazzaalii “ragaa hunda ilaallee jirra, Najiib Razaaq yakka dalaguun isa shakkii malee mirkanaahee jira”jedhe.

Najiib gama isaatiin “balleessaan dalage hin jiru, aangoos seeraan ala hin fayyadamne, amanamummaas hin hir’ifne”jechuun falmataa ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button