header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan Kaashimiir daaw’ataa jira

Paakistaan guyyaa hundeeffama biyyattii waggaa 72ffaa kan kabajataa jirtu yoo tahu, muummichi ministeeraa Imaraan Khan aayyana hundeeffamaa kana sababeefachuun har’a gara Kutaa Kaashimiir Paakistaan jalatti argamtuu imaluun daaw’ataa jira. Imraan Khan qondaaltota naannichaa waliin marii geggeesse irratti, Muummichi ministeera Indiyaa Kaashimiir keessatti duguuggaa sanyii raawwachuuf karoora dhoksaan qabatee ture ifatti jalqabee jira jedhe.

Muummichi ministeera Paakistaan akka jedhetti, Mootummaan Paakistaan Indiyaa waliin lola keessa seenuuf fedhii kan hin qabne tahus, sochii Indiyaa hunda hordofuun deebisaa gahaa tahe kennuudhaaf garuu qophii tahuu ibse. Dabalataanis, mootummaan Paakistaan akka walii galaatti, Imraan Khan akka dhuunfaatti ummata Kaashmiir Indiyaan humnaan ukkamsiteef sadarkaa addunyaatti sagalee tahuu itti fufna jedhe.

Daaw’annaa muummicha ministeera kana hordofuun ummanni Kaashimiir bulchiinsa Paakistaan jalatti argamu, murtii Indiyaa balaaleffatuun deeggarsa ummata isaanii gama Indiyaatti argamuuf qaban ibsachuuf hiriira kan geggeessaa jiran tahuunis beekamee jira.

Gama birootiin ammoo Paakistaan Kiibxata kaleessaa UN’tti mana mare nageenyaatiif xalayaa barreessiteen, dhimma Kaashimiir irratti wal gahiin ariifachiisaan akka yaamamu kan gaafatte tahuu Reuters gabaase. Ministeerri haajaa alaa Paakistaan Shah Mahmuud Qureeyishii xalayaa UN’f barreesse kana irratti, “Paakistaan lola jalqabuf fedhii kan hin qabne tahus, Indiyaan obsa keenna akka dadhabinaatti lakkaahaa jirti”jedhe. Manni marii nageenyaa gaaffi Paakistaan dhiheessite kanaaf hanga ammaatti deebisaa hin kennine.

Indiyaa guyyaa kudhan dura mirga ofiin of bulchuu ummata Kaashimiir haquun, naannichi kallaattiidhaan mootummaa jiddu galeessaa jalatti kan gale tahuu labsuun isii ni yaadatama.

imran Khan1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button