Muummichi ministeeraa, ADWUI fi Paartiilee deeggartootaa walitti makuun Paartii biyyoolessaa tokko hundeessuuf kan hojjaatamaa jiru tahuu beeksise

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa hardhaa hoggantootaa fi miseensota paartilee deggartoota ADWUI tahan, kanneen naannolee Affaar, Benshaangul gumuz, Soomalee fi Hararii bulchaa jiran waliin galma waajjira muummicha minteeraatti haala adeemsa jijjiiramaa biyyaattiin geggeessaa jirtuu irratti mari’ate.

Waltajjii marii kana irratti dhimmoota jijjiirama Siyaasaa, adeemsa haqaa, dinaagdee fi ijaarsa dhaabbiilee irratti hujiiwwan ji’oota muraasa keessatti raawwataman itti fufsiisuuf kan hojjatamaa jiru tahuu ibsame

Muummichi Ministeera Dr Abiy Ahmad karoora ijaarsa paartii biyoolessaa ilaalchisee ibsa kenneen, amma booda wanti Paartii Affaar, Paartii Amaaraa, Paartii Soomalee, Paartii Oromoo jedhamu hafee ji’a muraasa booda Paartii Biyyooleessa tokko dhaabuuf kan hojjatamaa jiru tahuu ibse.

 

Comments
Loading...