header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Buufata Doonii Asab Daawwate

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Foramii Chaayinaa-Afrikaa Beejiing keessatti qophaaye irratti hirmatuuf gara Chaayinaa imaluun isaa ni yaadatama. Foramii irratti eegaa hirmaatee booda har’a gara Eertiratti imaluun buufata Doonii Asab daawwate.
Dr Abiy Ertiraa yemmuu gahu Prezdaantiin Eertiraa Isaayaas Afewaarqii fi Qondaaltonni biyyaatti argamun simatanii jiru. Hoggantoonni biyyoota lamaanii July 9,2018 marii geggeessaniin, buufata Doonii Asabii fi Mitsiwaa waggoota 20f Ityoophiyaa irraa cufamee ture, Ityoophiyaan kaffaltii diqqaan akka fayyadamtu walii galaanii turan. Haaluma kanaan Dooniin Ityoophiyaa gara Eertiraa imalaa jiru har’a buufata doonii Mitsawwaa ni gaha jedhamee eegama.
Eertiraan Ityoophiyaa irraa bara 1993 kan fottoqxe yoo tahu, waraana bara 1998-2000ti biyyoota lamaan jidduutti geggeeffameen gama lamaan irraa yoo diqqaate lubbuun nama 70,000 galaafatamee jira.

 

3 Comments

  1. Rabbiin dhugaa barbaaduuf waggaa hedduu diinii
    adda nuu qoodaa ture saniif ammaa nuu hundaa walitti fiduun tokkummaa fi bilisummaa fiixee kanaan nuu baasee xumura ishees nuu quunnamsiise ilmaan garaa tokkoo hundaa walnuu agarsiisinna. bakka jirtan hundatti nagaan naa jiraadha oboleeyyaan tiyyaa kan dhiiraa fi dhalaa hundi keessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button