header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad daaw’annaa hojiitiif gara Kooriyaa Kibbaa imale

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad affeerraa prezdaantii Kooriyaa Kibbaa irraa dihaateen halkan edaa garasitti kan imale yoo tahu, har’a ganama magaalaa guddoo biyyattii Seoul kan seene tahuu imbaasiin Ityoophiyaa achitti argamu beeksise.
Prezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in bara 2017 filatamuun taayitaa eega qabatee booda,  Dr. Abiy hoggantoota biyyoota Afrikaa keessaa nama jalqabaa biyyattii daaw’ate tahuunis beekamee jira.
Odeeffannoon fuula feesbuukii Imbasii Ityoophiyaa Kooriyaa Kibbaa Seoul jiru irraa argame akka mul’isutti, Dr. Abiy daaw’annaa isaa kanaan gita isaa Prezdaantii Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota biroo irratti ni mari’atu jedhamee eeggama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button