header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad Daaw’annaa hujii biyyoota galoo galaana Arabiyaa itti fufuun har’a Abu Dabii seenee jira

Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa gara Qaxar imaluun Amiira biyyattii Sheikh Tamiim Bin Hammaad Al-Sani fi muummicha ministeeraa Abdullaah Bin Naasir Bin Khaliifa Al’Sanii waliin hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari’atanii jiran.

 

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraatiin durfamu kun har’a ammoo gara Emreets kan cehuun, Abu Dabii keessatti Sheik Mahaammad Bin Zaayid waliin mari’ate.Turtii isaanii kanaan qondaaltota biyyattii kanneen biro walinis ni mari’atu jedhamee eeggama.

 

Odeeyfannoo wal qabateen, Foramiin Biznasii fi Investimanii Ityoophiyaa fi Imreets har’a Finfinnee keessatti jalqabamee jira. Jilli biznasii Emreets, qondaaltota biyyattii, daldaltootaa fi dureeyyota 60 qabu foramicha irratti kan hirmaataa jiru tahuu gabaafame.

6 Comments

  1. As wr wb Masha Allah qophiin keessa halaan namati tollan haluma kanan itti fufa.
    dhifama yero Hunda yoo issani bareessin nuf maxafamu malif hin beeku?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button