Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad daaw’annaa hujiitiif Qaxar seene

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraatiin durfamu ganama har’aa Doohaa kan seenee yoo tahu, Ministeera Traanspoortii fi Kominikeeshinii Qaxar Jaasim Bin Saayif Al Sulaytii fi Qaxaratti  ambaasaaddarri Ityoophiyaa Aadde Saamiyaa Zakariyaatiin simatamanii jiru.

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Amiirri Qaxar Sheikh Tamiim Bin Hammaad Al Saanii hariiroo biyyoota lamaanii irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

 

Comments
Loading...