header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad daawwannaa hojiitiif Jarman seene

Muummichi Ministeera Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa dawwannaa hojiitiif gara Awuroppaa imaluun Paaris keessatti prezdaantii Faransaay Imaanu’eel Makroon waliin dhimmoota diinagdee, dipiloomaasii fi nageenyaa irratti mari’ataanii jiran. Guyyaa har’aa immoo gara Jarmaan imaluun magaalaa Barliin seenee jira. Yeroo Barliin gahetti aangawoonni mootummaa Jarman, Jarmanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Obbo Kumaa Dammaqsaa, hojjattoota qonsilaa Ityoophiyaatiin Simannaan hoo’aan godhameefii jira.

Dr Abiy Chaansilarii Jarman Anjelaa Maarkeel waliin hariiroo biyyoota lamaanii irratti ni mari’aatu jedhamee eegama.

Muummichi ministeeraa har’a waaree booda immoo kora diinagdee Afrikaa deeggaruuf garee biyyoota G20 jedhamuun qophaaye, kan mata duree Compact with Africa jedhuun geggeeffamaa jiru irratti hirmaataa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button