Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Prezdaant Isaayyaas Afaworqii Rayyaa waraana biyoota lamaanii daangaa irra jiru daaw’atan

Itti gaafatamaan waajjira Muummichaa obbo Fitsum Araggaa akka ibsetti hoggantoonni lamaan har’a ganama adda waraanaa Buree jedhamutti wal argan. Araara biyyoota lamaan jiddutti bu’e sababeefachuun, daangaa biyyoota lamaanii irratti, argamuun raayyaa biyyoota lamaanii waliin bara haaraaya kan kabaajaa jiran tahuu beeksise.

 

Itti aanaa Muummicha ministeeraa Obbo Dammaqe Makonnin fi Gorsaa ol’aanaa prezdant Isaayyaas Afaworqii kan tahe Yamaane Gabre-Ab dabalatee qondaaltonni ol’aanoon biyyoota lamaanii heddu daaw’annaa kana irratti kan argaman tahuun beekameera

 

Comments
Loading...