header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad jiraattota magaalaa Wolaaytaa Sooddoo waliin mari’ataa jira

Dr. Abiy Ahmad har’a ganama gara Naannoo Kibbaa imaluun magaalaa Arbaa Micitti duula biqiltuu dhaabuu irratti eega hirmaatee booda,  gara magaalaa Wolaaytaa Sooddoo deebi’uun hawaasa magaalattii waliin kan mari’ataa jiru tahuun beekamee jira.

Ummanni magaalaa Wolaaytaa Sooddoo lakkoofsaan guddaa tahe Istaadiyeemii magaalattiitti argamuun muummicha ministeeraa kan simate yoo tahu, Dr. Abiy Ahmadis ummataaf dhaamsa dabarsee jira.

 

Dr Abiy dhaamsa isaa kanaan “tasgabbii fi araaraan malee, humnaa fi jeequmsaan nageenyi hin argamu, walitti bu’iinsaa fi waraanatti yoo kan deebinu tahe, lubbuu wal balleessuu fi qaama wal hir’isuu, akkasumas qabeenya dadhabbiin horanne mancaasuun alatti bu’aa biraa hin qabu”jedhe.

 

Sa’aa booda ammoo muummichi ministeeraa Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kaamil fi Prezdaantiin Naannichaa Obbo Miiliyoon Matiyoos waliin tahuun,  jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa, bakka bu’oota hawaasaa fi paartilee mormitootaa waliin kan mari’ataa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Jeequmsa dhiheenya kana Godina Sidaamaa keessatti ka’e hordofuun naannoon kibbaa torbee dabre irraa eegalee Komaand Poostii Federaalaa jala kan gale tahuun ni beekama.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button