header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad sirna hindeeffama mootummaa ce’umsaa Suudaan irratti hirmaachuuf Kaartuum seene

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraa Dr. Abiyin  durfamu hara ganama magaalaa Kaartuum kan seene yoo tahu, qondaaltota mana maree waraanaa Suudaan fi hoggantoota gamtaa mormitoota Suudaanitiin simannaan ho’aan godhameefii jira.

 

Manni maree waraanaa yeroo ammaa Suudaan bulchaa jiruu fi Gamtaan Mormitootaa Declaration of Freedom and Change (FDFC) jedhamu, walii galtee qoodiinsa aangoo yeroo ce’uumsaa isa xumuraa Sabtii har’aa ni mallatteessan jedhamee eegama. Sirna mallattoo kana irratti muummicha ministeera Ityoophiyaa Dr.Abiy Ahmad dabalatee hoggantoonni biyyota biroo, akkasumas qondaaltonni Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Humni waraana Suudaan prezdaantii duraanii Umar Albashiir fonqolchuun taayitaa eega qabatee booda,  wal dhabbiin gareewwan siyaasaa fi waraana biyyattii jiddutti uumamee ture jaarsummaan akka xumuramu gaheen mootummaa Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa ol’aanaa tahuun ni beekama.

Abiu Syu.jpg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button