header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Gareewwan Mormitootaa biyya alaa jiran biyyatti deebi’uun Siyaasaa biyyattii keessatti akka hirmaatan waamicha godhe.

Miseensonni paarlaamaa biyyattii torbee darbe keessa muummichi minnisteeraa haala yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtu irratti akka gabaasa dhiheessu gaafatan. Kanuma hordofuun Muummicha Ministeeraa Doktor Abiy Ahmad haala yeroo irratti parlaamaaf gabaasa kan dhiheesse yoo tahu, gaafilee miseensota paarlaamaa irraa dhihaateef deebisaa kennee jira. Gareewwan Mormitootaa biyya alaatti argaman hidhannoo hiikatuun gara biyyaatti deebi’anii siyaasa biyyatti irratti akka hirmatan waamicha godhe.

Dr Abiy gareelee mormitootaa biyya alaa jiran ilaalchisee
“Ilaalchi humna waraanaatiin gara aangoo dhufu kan yeroon itti darbee fi kan biyyattiifis bu’aa tokkollee hin qabne” jedhe

Labsii waliigaltee Aljeers kan Dangaa Itoophiyaa fi Eertiraa irratti bulchiinsi isaa dhiheenya kana dabarse ilaalchisee ” waliigaltee bara 2000 ALA mallatteefame akka hojjii irra oolu godhuun alatti wanti haarawni tokkolleen hin jijjiiramne” jedhe.

Gaaffii bakka buutu miseensa parlaamaa naannoo Tigraay taate irra namoonni yaakka shororkeessummaan hidhaman maaliif lakkifamu jechuun dhihaate ilaalchisee

“kan Shororkeessu, kan Shoroorkefama jiru eenyuudha? dhima kana ilaalchisee gaafii kasuun duraati deebisaa kana keennu qabna ,Shororkeessummaan nama hidhuu fi mana hidhaatti daraaruu heera mootummaa kamittuu akka reebaman, qaamni isaanii akka hir’atu fi mana dukkanaa keessatti akka hidhaman ajaju eessaa dhufe” jechun deebise Dr. Abiyyi Ahimad.

Dhumma irrattis Muummichi ministeeraa rakkoo sabaa fi sablamoota jiddutti muldhaataa jiru ummanni nagayaan akka rakkoo jidduu isaanii jiru hiikkatuu qaban dhamsa dabarse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button